Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni irree tokkoomeen har’arraa eegalanii biqiltuu akka dhaaban MM Abiy Ahimad waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanonni duula ashaaraa magariisaa baranaarratti irree tokkoomeen har’arraa eegalanii biqiltuu akka dhaaban Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

Sagantaan duula ashaaraa magariisaa baranaa bakka Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti Finfinnee, Giddugala Biqiltuuwwanii Guullalleetti eegaleera.

Sagantaa jalqabbii duula ashaaraa magariisaa kanarratti Muummee Ministiraa Abiy Ahimad haasawaa taasisaniin, waggoottan afuran darban duula ashaaraa magariisaa milkaa’inaan gaggeeffamaa tureen, Ityoophiyaan wantoota guguddaa eegaluu qofa utuu hintaane akka xumurtus addunyaatti argisiisteetti jedhan.

Ityoophiyaanonnis irree tokkoomeen har’arraa eegalanii biqiltuu akka dhaaban waamicha kan dhiyeessan Mummeen Ministiraa, sosochii namni tokko baatii lama keessatti biqiltuuwwan 100 dhaabuus ifoomsaniiru.

Baraana mata duree “Ashaaraa magariisaa dhaloota keenyaaf” jedhun biqiltuuwwan biiliyoonni ja’a akka dhaabaman eerameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.