Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni ibsa Manni Maree Nageenyaa Hwaayit Haawus Hidha Haaromsaa ilaalchisuun baase balaaleffatan

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni ibsa Manni Maree Nageenyaa Hwaayit Haawus Hidha Haaromsaa ilaalchisuun baase balaaleffatan.
 
Manni marichaa ibsa kaleessa karaa Twiitaraatin baasen; “Lammiilen baha Afrikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 57 ta’an hoggansa cimaa Ityoophiyaa arguu barbaadu; kunis waliigaltee haqa qabeessa. Mariin teeknikaa hidhichaa furmaata argateera, ammammoo guutinsi bishaanii jalqabamuu isaatin dura yeroon kan itti waliigalteerra ga’amudha.” barreeffama jedhu baasera.
 
Ergaan ibsichaa waliigalteerra osoo hin ga’amin Ityoophiyaan guutinsa bishaanii eegaluu hin qabduudha.
 
Ibsicha ilaalchisuunis Ityoophiyaanonni biyyoota addunyaa gara garaarra jiraatan dheekkamsa isaanii Twiitaricha jalatti tarreessaniiru.
 
Ityoophiyaanonni ibsichaaf deebii laatanis; dubbichi walabummaa Ityoophiyaa kan dhiibedha, maal hojjechuu akka qabnu namuu nutti hin himu; hidha daangaa keenya keessatti argamu bishaanin guutuuf eenyuyyuu hin gaafannu yaadota jedhan barreessaniiru.
 
Ityoophiyaan madda bishaan Naayiliif %86 kan gumaachitu ta’us, lammiileen ishee miiliyoona 60 ol ta’an humna elektiriikaa hin argatani; Gibts bishaan homaayyuu osoo hin gumaachin ummanni ishee %98 elektiriika argata, kanaaf shira xaxxu dhaabuu qabdi jedhaniiru.
 
Hidhichi hirmaannaa Ityoophiyaanotaatin bakka ijaarramaa jirutti, namuu bishaan hin guuttan nuun jechuu hin danda’us jedhaniiru.
 
Ityoophiyaan dhimmicha waliigalteedhan xumuruuf Gibts waliin marii karaa dheeraa deemtettis jedhan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.