Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni hundi uummata Afaar cinaa akka dhaabbatu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) –Haleellaa gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Afaar irratti raawwachaa jiru qolachuu fi bakka seenetti hambisuuf humni addaa naannoo Afaar, Milishaa fi uummanni duulaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa beeksise.

Gareen Shororkeessaa yeroo garaagaraatti uummata Afaar miidhuuf waraana banee qabeenya barbadeessuurra darbee wareegama lubbuu baasisaa jiraachuu hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa obbo Ahimad Kaalooyitaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Weeraraa fi haleellaa garechaa kan hubate uummanni naannichaa birmadummaa isaa kabachiisuu fi kaayyoo garechaa fashaleessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT horsiise bultoota naannichaa ajjeesaa, qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqaasuu fi qabeenya isaa saamuu eeruun gocha isaa kanaan diina uummata Ityoophiyaa hundaa ta’uu kan itti agarsiise ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa uummanni Afaar addawwan maraan diina ittisaa fi qabsaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsa uummata naannichaaf taasifamu hunduu qindeessuun cinaa dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru.

Naannichatti qaamolee dogoggoraan yaada garechaa deeggaruuf gowwomfamanii turaniif leenjiin hubannoo uumuu nageenya uummataa eegsisuu dandeessisu kennamaafii jiraachuu ibsaniiru.

Miidhaa uummata Afaar iorra ga’e hubatanii uummaticha cina dhaabbachuun deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kutannoo kan qaban ta’uus obbo Ahimad ibsaniiru.

Yismaawu Adaraawu, Abraahiim Muusaa fi Sa’aadaa Geetaachawutu gabaase.

 

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.