Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni bara haaraatti nageenya, araaraa fi dhiifama dursuun akka hojjetan Abbootiin Amantaa waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanonni bara haaraatti nageenya, araaraa fi dhiifamaaf dursa kennuun akka hojjetan Abbootiin Amantaa Waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen amantii Kiristiyaanaa bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Abbootiin amantaa erga isaaniin, bara haaraatti ofii keenyarratti akka hinraawwanne waan barbaannu kanneen biroorratti raawwachuu dhiisuun nageenyaa fi araaraaf hojjechuun barbaachisaa jedhan.

Bara haaraa tokkummaan, dhiifamaan, bara nageenyi itti mirkanaa’e akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Bara haaraa wayiita kabajnu kanneen rakkaataan deeggaruun ta’uu akka qabu ibsan.

Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa Abuunaa Maatiyaas, barri haaraan bara tokkummaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.

Phaaphaasiin Mana Amantaa Kaatoolikii Ityoophiyaa Kaardinaal Birhaanayyasuus gama isaaniin, bara haaraa galataa fi qalbii jijjiirrannaaf kan tattafannu, miiraa keesa galuu irraa tasgabbii qalbii kan filannu ta’u qaba jedhan.

Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf lammiileen hunduu araaraa fi mariif qophii ta’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Barreessaan Waliigalaa Kaawunsilii Waldaalee Kiristiyaanaa Amatootaa Waangeelaa Ityoophiyaa Lubni Darajjee Jambaruu, bara haaraatti qubaa walitti qabuurraa fagaachuun hubannoo qajeelaa, guddinaa fi nageenya waloof kan itti tattafannuu akka ta’u ibsaniiru.

Kanaanis odeeffannowwaan waldhahaarraa fagaachuun bara haaraa ilaalcha haaraadhaan tarkaanfachuu qabna jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Pireezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warraa Wangeelaa Paastar Tsaadiquu Abdoo akka ibsanitti, bara haaraatti bowwoo walitti bu’iinsaa keessa ba’uun nageenyi kan keessatti mirkanaa’ee fi waldhabdeen kan keessa hinjirre akka ta’u hawwaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.