Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni arfan vaayrasii noovil koroonaan shakkaman bilisa ta’uun mirkanaa’e- ministeericha

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni arfan vaayrasii noovil koroonaan shakkamanii hordoffiin taasifamaafii ture bilisa ta’uun mirkanaa’e.
 
Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti qorannaan samuudaa isaanii Afrikaa Kibbaatti ergamee ture qaqqabeera.
 
Samuudaan isaaniis vaayrasicharraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessera.
 
Qorannaan biyya keessatti taasifameefis bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuu ministeerichi kanaan dura ifoomsera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.