Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaannonni gateettii garbummaa baatu hin qabnu – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Nuti Ityoophiyaanonni gateettii gabrummaa baachuuf qophaa’e hin qabnu jedhan Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Qabsoon eegalle birmadummaa Ityoophiyaa eegsisanii itti fufsiisuuf warren dhaabbatanii fi hanga dhumaatti qamadiin safaramaafii, harki miicciiramaa, xiqqachaa fi salphachaa akka jiraattu taasisuuf hidhata warreen uuman humnoota diina Ityoophiyaa gidduu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni Xiqqaa hanga guddaatti, biyya keessaa hanga biyya alaatti dirreetti ba’uun yaaliiwwan Ityoophiyaa micciiruuf taasifaman balaaleffachuu ibsaniiru.

Ijoolleen Ityoophiyaa guutuu addunyaarra jirtan, bakka bu’aa kan hin qabne biyya keessan irraa sababa garaagaraan fagaattanii yoo jiraattaniyyuu, “Qeerransi buraaburrummaasaa Ityoophiyaanonnis bifa isaa” akkuma jedhamu Ityoophiyaarratti gantoonni  keessaa fi Alaa harka micciirtonni duula qindaa’aa irratti banan, giddu seentummaan birmadummaa fi kabaja Ityoophiyaa tuqu tokkummaan dirreetti baatanii waan balaaleffataniif isinitti boonneera, dhaloonnis jaalala biyyaa irraa barata jedhaniiru ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.