Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni biyya alaa jiraatan marii biyyaalessaarratti dammaqinaan akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Koomishiniin Marii Biyyaalessaa lammiilee fi dhalattootaa Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan marii biyyaalessarratti dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeesse.

Koomiishinichi, dhimmicha ilaalchisuun ergaa dabarseen, Ityoophiyaatti dhimmoota bu’uuraatti garaagarummaan yaadaa fi falmiin akka jiru eereera.

Garaagarummaa fi falmii kana furuun waliigaltee biyyaalessaarraa ga’uun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.

Dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaarratti marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaa gaggeessuun biyyaa fooyyoftuu ijaaruun, adeemsa keessas aadaa walamataa fi walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimsuuf Koomiishinii Marii Biyyaalessaa walabaa hundeessuun hojii eegaluu yaadachiiseera.

Waan ta’eef, lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraataan marii biyyaalessaa kanarratti dammaqinaan akka hirmaataan waamichaa dhiyeesseera.

Kana raawwachiisuufis koomishinichi gama marsariitiin walga’ii gaggeessuuf karoorfachuu beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.