Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Yaa’ii Misooma  leenjii Teekinikaafi Ogummaa Idil Addunyaarratti hirmaatte

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan Yaa’ii Misooma Barnoota leenjii Teekinikaafi Ogummaa Idil Addunyaarratti hirmaachuu ibsame.

Yaa’ichi mata duree “ Misooma Leenjii Ogummaafi Teekinikaa weerara vaayrasii koroonaan booda jijjiirama haaraa, daandiifi Ogummaa haaraa” jedhuun Chaayinaa Tiyaamjiinitti gaggeeffameera.

Pireezidaantiin Chaayinaa Zhii Jiinbiing ergaa dabarsaniin, Barnoonni leenjii teekinikaafi ogummaa guddina hawaas-dinagdee biyyattii waliin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru.

Barnoonni leenjii teekinikaafi ogummaa carraa hojii uumuufi jiruufi jireenya uummataa fooyyessuu keessatti shoora inni qabu eeraniiru.

Yaa’icharratti gama viidiyoo konfiransiin ergaa isaanii kan dabarsan, Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Muufariyaat Kamiil gamasaaniin, mootummaan gahee barnoonni leenjii teekinikaafi ogummaa Ityoophiyaa guddina hawaas-dinagdeerratti qabu ni hubata jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.