Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa bara kana qopheessuun ishee injifannoo dippiloomaasii olaanaadha-TKM

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa bara kana qopheessuun ishee injifannoo dippiloomaasii olaanaadha jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu haala waqtaawaa biyyaarratti miidiyaleef ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa bara qopheessuun ishee injifannoo dippiloomaasii olaanaadha jedhaniiru.

Akka ibsa Ministirichaatti, Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa Finfinneetti akka hin gaggeeffamneef sochii hedduun jiraatuus,  biyyoonni miseensa hoggansa seeraa gamtichaan bitamuun Yaa’ichii Finfinneetti akka gaggeeffamuu murtaa’eera jedhan.

Murtoo kanaanis tumsa Ityoophiyaaf qaban agarsiisaniiru kan jedhan Ministirichi, hojiin isaanii kanaafis ni galateeffannaa jedhaniiru.

Ibsichaanis torbe darbe Ityoophiyaan ayyaanoota gurguddoo ta’aan keessummeessushee himaniiru.

Keessayuu ayyaanni Cuuphaa bara kanaa guutuu Ityoophiyaatti bifaa aadaa fi duudhaa biyyatti eegeen kabajameera jedhaniiru.

Diiysaapooraan waamicha biyya fudhachuun gara biyyaa dhufaan ayyaanichaarratti hirmaachuun nagaa kabajamuu himaniiru.

Kabajaa ayyaanichaan walqabsiisee rakkoo Waayibalaatti muudatee hundeerra furuuf qaamoleen nageenya, poolisiin federaalaa fi magaalaa Finfinnee akkasumas hawaasa waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu  Dooktar Laggasaan himaniiru.

Akkasumas Fiigichi guddichii Ityoophiyaa namoota kuma 20 hanga 25 hirmaachiisee nagaa xumuramuu Dooktar Laggasaan himaniiru.

Iddoolee rakkoo nageenyaa jiraniitti mariin kutaa  hawaasa hunda hirmaachiisee gaggeeffamuun nageenyaa bu’uus himaniiru.

Kana qofaas osoo hin taanee iddoowwan baadiyyaa ta’aan hojiiwwan misooma sulaala, jallisii fi bonaa hawaasaan hojjetamaan irratti xiyyeeffannoo laachuun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Naannolee akka Amaaraa fi Affaar waraanaa jala turan waraanaa jala erga ba’aaniis gara hojii misoomaa deebi’uu ibsaniiru.

Naannolee kanninis waaraan dandamachiisuun hojiiwwan adda adda hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Deeggarsis taasifamuus waaraan itti fufuu akka qabu Dooktar Laggasaan ibsaniiru.

Lammiilee waraanaan buqqa’uun gara qee’eesaanitti hin deebinee deebisuuf qaamoleen dhimmi ilaallaatu tumsa taasisuu akka qaban  kaasaniiru.

Kanan cinatti naannolee Oromiyaa fi Somaalee gammoojjii ta’aaniitti  hongee muudatee furuuf qaamolee federaalaa tumsa olaanaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Hongee mudateeni naannichatti hawaasaa fi beelladootaarra miidhaan qaqqabuu kaasaniiru.

Rakkicha waaraan furuufis deeggarsi nyaata, margii beelladootaf akkasumas qorichoonni taasifamuu cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.

Kunis mootummaa qofaan kan raawwatamuu osoo hin taanee hawaasni deeggarsa taasisuu akka qabu kaasaniiru.

Naannoo Tigraayiin walqabsiisee  qaamoleen tumsaa deeggarsa taasisaan naannicha akka seenaan tumsii taasifameera.

Ta’uus gareen Shororkeessaa ABUT kallattii sadiin waraanaa baneen konkolaattoonni deeggarsa fe’aan gara boodaatti akka deebi’aan taasisuu ibsi laataniin himaniiru.

Obsee Wakgaariitiin

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.