Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaa’ii Biriiksirratti akka hirmaattuuf Chaayinaarraa afeerraan dhiyaateef

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Chaayinaan dhuma baati Waxabajjii kana yaa’ii Biriiksii gaggeessiturratti Ityoophiyaan akka hirmaattu affeerraa dhiyeessiteefi.

Preezdaantiin Chaayinaa Shi Jiinpiing Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’icharratti akka hirmaatan afeeruu isaanii kan beeksisan karaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Zhi’o Zhiyu’aaniin ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

De’eetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Zhi’o Zhiyu’aan, waliin michummaa biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Chaayinaan dameewwan invastimantii garaagaraa fi carraalee jiraanirratti hirmaachuuf tattaaffii taasisaa jirtu Ityoophiyaan kan dinqisiifattu ta’uu, Ambaasaaddar Tasfaayeen ibsaniiru.

Maricharratti qopheesummaa Chaayinaa fi Ityoophiyaatiin yeroo jalqabaatiif guyyoota muraasaan booda kan gaggeeffamu raawwii qophii Yaa’ii Nageenyaa Gaanfaa Afriikaa fi Walta’iinsa Chaayina-Afrikaa irratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Ambaasaaddarri Chaayinaas, waltajjii gamaaggamaa walta’insa Chaayinaa-Afriikaa baatii Adoolessaa gaggeeffamurratti Ityoophiyaan akka hirmaattu waamicha dhiyeessaniiru.

Yaa’iin Biyyoota miseensota Biriiksi galmootaa misooma waaraa fi dhimmoota siyaasaa fi idil addunyaa yeroo ammaarratti mari’ata jedhameera.

Yaa’ii kanarratti biyyoonni guddachaa jiran 10 ol ni hirmaatuun eegama.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.