Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan waraana hunda injifannoon xumurteetti- TKM

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Diinonni  Ityoophiyaa qabeenya yookaan dhimma isheerratti waraana isheerratti bananus waraanota hunda injifannoon xumuruu Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi guyyaa goototaa Ityoophiyaa 81ffaa ilaalchisee ibsa baaseera.

Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti waraanota hedduu gaggeessuu yaadachiisuun, diinonni ishee yeroo itti ciisaniifii bulan kan hin jirre ta’uu ibseera.

Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti waraana barbaaddee fi hawwitee akkasumas birmadummaa biyyoota biroo sarbuun weerara gaggeessitee kan hin beekne ta’uu tajaajilichi eereera.

Yeroo hundaa qabeenyaa fi dhimma  isheerratti diinotaan haleelamuu kaasuun waraanota irratti banaman injifannoon goolabuu ibseera.

Waraanota kanneen kan injifatte dadhabina diinotashee fi meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhatteen osoo hin taane tokkummaa gootota ijoolleesheen ta’uu eereera.

Gootonni Ityoophiyaa aarsaa guddaa kaffaluun birmadummaa biyyattii kabachiisuun dhalootatti dabarsuu ibseera.

Diinonni Ityoophiyaa har’as ciisanii kan hin jirre ta’uu ibsichaan yaadachiifameera.

Ta’us tokkummaa sab-daneessummaa uummatasheen birmadummaa fi bilisummaan ishee eegamee kan itti fufu ta’uu ibsamera.

Har’as Ityoophiyaan haleellaa gama maraa diinota ishee fagoo fi dhiyoorraa itti aggaamamuuf osoo hin jilbeenfatiin jaalala biyyaa ijoolleen ishee abboota isaaniirraa dhaalaniin kabaja uummatashee fi tokkummaa biyyaaf waardiyyaa ta’uu kaafameera.

Dhaloonni dhufus biyya isaa fi kabaja isaaf tokkummaan dhaabbachuun Ityoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisu shakkii kan hin qabne ta’uu ibseera.

Guyyaa gootota Ityoophiyaa 81ffaan wayita kabajamu duudhaalee injifannoo isaa mul’isuunii fi dhalootatti dabarsuun ta’uu akka qabu addeesseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.