Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan waltajjii waloo Ityoo-Raashiyaa 8ffaaf qophii taasisaa jirti

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Ityoophiyaan kan keessummeessitu waltajjii waloo Ityoo-Raashiyaa 8ffaaf qophii taasifamaa jirurratti mariin Ministeera Innooveeshinii fi Teekinoolojiin gaggeeffameera.

Waltajjiin waloo kana kan hogganan Ministira Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa, barbaachisummaa waltajjichaa fi dhimmoota Ityoophiyaarraa eegaman irratti qaamolee mootummaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan Pitersibargitti kan gaggeefffamee ture waltajjii waloo Ityoo-Raashiyaa 7ffaarratti murtoo darbeen kan walqabatanii fi dhimmoota walta’iinsa diinagdee, saayinsii, teekinikaa fi daldalaa murtoon barbaachisurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dooktar Balaxaan, qophii duraa waltajjii waloo Ityoo-Raashiyaa 8ffaaf qaamoleen mootummaa gahee irraa eegamu akka bahatan hubachiisaniiru.

Waltajjichaan koree qophiitiin erga waltajjii waloo 7ffaa as hojiilee hojjetaman, raawwiiwwan kaayyoo koomiishinii waloon gaggeeffaman ilaalchise gabaasni dhiyaachuun irrattis mari’atamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.