Ityoophiyaan waltajjii Dhiyeessii Bishaan Dhugaatiifi Eegumsa Qulqullinaa Neezerlaanditti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu ibsame
Finfinnee, Eebla 28, 2015(FBC)- Ityoophiyaan waltajjii Dhiyeessii Bishaan Dhugaatiifi Eegumsa Qulqullinaa Neezerlaanditti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu ibsameera.
Waltajjicharratti qooda fudhattoonni 800 ol kan hirmaatan yoo ta’u dhimmoota bu’uuraa damichaarratti mari’achuun xumuramuu eerameera.
Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Ambaasaaddar Asfaawu Diingaamoo, Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa samaariitaa Sawaasawu dabalatee bakka buutonni dhaabbilee garaagaraa 25 ol hirmaachuu ibsameera.
Kaayyoon ijoo waltajjichaa sagantaa cufiinsaa Yaa’ii Bishaanii DhMG Ameerikaa Magaalaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa tureefi hojiilee galmoota misoomaa hafan irratti qaamolee dhimmatootaa waliin marii gaggeessuuf ta’uu eerameera.
Waltajjicharratti gama Ityoophiyaan yaadonni garaagaraa kan ka’an yoo ta’u, Ityoophiyaan lakkoofsa uummataa guddaa qabdurra darbee jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatee balaan hongee walitti fufiinsaan biyyoota Baha Afrikaa keessatti mudate, sagantaalee ijoo raawwachiisuuf hanqinni qabeenyaa, hanqinni raawwachiisummaafi qaala’iinsa gatii dabalatee rakkooleen garaagaraa dhiyaachuu ibsameera.
Ityoophiyaatti rakkooleen uumamaafi nam-tolchee mudatanis gama mootummaan deeggarsa dhaabbilee deeggartootaa fayyadamuun cinaatti sekteraaleen manneen hojii garaagaraa qindoominaan akka hojjetan taasisuun dhiyeessii bishaan dhugaatiifi eegumsa qulqullinaarratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu jilli Ityoophiyaa bakka bu’uun waltajjicharratti hirmaate ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.