Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walitti bu’iinsa booda dandamannaaf kan oolu deeggarsi faayinaansii akka taasifamu gaafatte

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Kaabaa biyyattiitti walitti bu’iinsa mudate hordofee kufaatii mudateen keessaa ba’uu fi deebisanii ijaaruuf Baankiin Addunyaa fi dhaabbileen tumsitootaa deeggarsa akka taasisan Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gaafatan.

Seneegaalitti Yaa’ii Hoggantoota Waldaa Misoomaa Idili Addunyaa Baankii Addunyaa (IDA20) irratti Obbo Dammaqaan haasawa taasisaniin Baankiin Addunyaa Ityoophiyaatti walitti bu’iinsa uumame hordofee, qorannoo fi gamaaggama ariifachiisa taasisuun naannawaalee walitti bu’iinsaan miidhaaman deeggarsa barbaachisuu addaa baasuun beeksisuutti galata dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2018 eegalee fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa gaggeessaa jirtuuf deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.7 ramadamuun kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru.

Akka waliigalaatti, Afrikaan rakkoo keessaa jirtu keessaa akka baatuu fi ce’umsa misoomaa fi gurmaa’ina diinagdee fooyya’aa akka galmeessituu yoo barbadame deeggarsi faayinaansii murteessaan akka taasifamuuf Obbo Dammaqaan waamicha diyeessaniru.

Waltajjii Hoggantoota Waldaa Misooma Idil Addunyaa Baankiin Addunyaa irratti rakkoolee jijjiirama qabeenya qilleensaa, vaayirasii koronaa, waraanaa Yuukireenii fi Raashiyaa akkasumas rakkoo wabii nyaataa dandamachuuf, deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.