Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Waliigaltee Humnoonni waraanaa fi Siiviilii Sudaan mallatteessan kan dinqisiifattu ta’uu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 27, 2015 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa Waliigaltee bu’uura Siyaasaa Humnoonni waraanaa fi Siiviilii Sudaan mallatteessan kan dinqisiifattu ta’uu beeksise.

Waliigalteen qaamoleen lamaan mallatteessan filannoo bilisaa fi amanamaa ta’een mootummaa ce’umsaa haaraa hundeessuuf kan dandeessisu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen himeera.

Ityoophiyaan waliigalticha kan dinqisiifattu ta’uu fi hojiirra oolmaa isaaf tumsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu eereera.

Humnoonni Waraanaa fi Siiviilii dandeettii fi beekkumsa mataa isaanii fayyadamuun fedhii fi fayyadamummaa biyyattii haala bu’uureeffateen sirna diimookiraasiitti akka ce’an amantaa guutuu qabaachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.