Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walga’ii Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan cinaatti biyyoota garaagaraa waliin mari’ataa jirti

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan walga’ii Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan cinaatti biyyoota garaagaraa waliin mari’ataa jirti.

Hanga ammaattis Ityoophiyaan fayyadamuummaa biyyoolessaashee kabajachiisuuf dhimmoota biyyaarratti Ministiroota dhimma alaa Keeniyaa, Aljeeriyaa, Laaybeeriyaa, Buruundii waliin mariin taasifameera.

Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa obbo Dammaqaa Mokonniniin aanga’oota biyyoota kanneenii waliin marii taasisaniiru.

Qabxiiwwan fayyadamuummaa biyyoolessaa Ityoophiyaa kabajachiisan kaasuusaanii Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Afawarq Iyaayyuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.