Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walga’ii idilee Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan walga’ii idilee Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaachaa jirti.
 
Teessoosaa Swiizarlaand Jeeneevaa kan taasifate manni marichaa, walga’ii idileesaa 43ffaa baatii tokkoof gaggeessu Gurraandhala 13,2012 eegaluun taa’aa jira.
 
Ityoophiyaa bakka bu’uudhan Ministeera Dhimma Alaa FDRItti eeggataan daayreektar janaraala dhimmoota idil addunyaa obbo Baantayihuun Geetaahuun, hoggansi Abbaa Alangee fi Jeneevaatti ergamaan dhaabbii FDRI hirmaachaa jiru.
 
Jilli Ityoophiyaa kunis jijjiirramaa fi haala biyya keessaa ibsuudhan, deeggarsaa fi tumsa dabalataa argachuuf haasaa fi waltajjichaan cinaatti marii ni taasisu.
 
Baniinsa waltajjichaarratti preezdaantiin yaa’ii waliigalaa 74ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez, koomiishinara Koomiishinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee bakka buutonni biyyootaa fi hoggansi 90 ol ta’an argamaniiru.
 
Manni marichaa waggaatti si’a 3 walga’iisaa gaggeessa.
 
Siiviilii fi siyaasa, hawaasummaa, diinagdee fi aadaa akkasumas mirgoota misoomuurratti ni mari’ata.
 
Manni marichaa waggaa sadi sadiin kan filataman, biyyoota 47 miseensummaan kan hammatedha.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.