Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan waggaa sirna soorataa fi wabii nyaataa ifoomsite

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Gamtaan Afrikaa barri faranjootaa 2022 waggaa sirna soorataa fi wabii nyaataa akka ta’u bu’uuruma ifoomseen, Ityoophiyaanis waggaa sirna soorataa fi wabii nyaataa ifoomsitetti.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa sagantichaarratti haasawaa taasisaniin waggaa sirna soorataa fi wabii nyaataa, sadarkaa biyyaalessaatti sirnaa soorataa fi wabii nyaataaf kutannoo jiru cimsuu fi biyyoonni Afrikaa beekumsa waliif qooduuf kan kaayyeffateedha jedhan.

Miseensonni gamtichaa fi biyyoonni biroon hojii walfakkaataa akka gaggeessan jajjabeessuun gamtaadhaan haalaa Afriikaan keessa jirtu ammaaf guddina sirna soorataa uumuuf dandeessisa jechuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

De’eetaan Ministiraa Ministeera Qonnaa Fiqiruu Raggaasaa gama isaaniin Gamtaan Afriikaa dandeettii sirna soorataa madaalawaa fi wabii nyaataa, sirnoota soorataa bu’aa oomisha qonnaa ta’an, sirna eegumsa fayyaa fi hawaasummaa cimsuuf tumsa jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.