Ityoophiyaan tumsa diinagdee biyyoota ollaa waliin qabdu cimsitee itti fufti – Ministeera Alaa
Finfinnee,Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan tumsa diinagdee biyyoota ollaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Ityoophiyaan biyyoota ollaa waliin ta’uun rakkoo nageenyaa naannicha jiru furuun, tumsa diinagdee qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri olaanaan dhimmoota biyyoota ollaa fi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawul eeraniiru.
Waliigalteen Eertiriyaa waliin waggaa 3 dura eegalame gatii olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Hariiroon diinagdee, ummattootaa fi hoggantootaa Jiibuutii waliin jiru cimee itti fufuu kaasaniiru.
Somaaliyaan akka biyyatti akka itti fuftuuf qoodni Ityoophiyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Hariiroon waloo biyyoota lamaanii cimaa ta’uus dubbataniiru.
Keeniyaa waliinis hariiroon siyaasaa fi nageenyaa gaariin jiraachuu eeraniiru.
Tumsa gama diinagdeen jirus cimsuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Fissahaan waliigalteen nageenyaa bara Faranjootaa 2018 biyyoota kanneen gidduutti raawwatame hojiirra akka oolu Ityoophiyaan tattaaffii mataa ishee kan taasiiftu ta’uu himaniiru.
Sosochii humnoota farreen nageenyaa qolachuuf biyyoota ollaa waliin tumsaan kan hojjetamu ta’uu Ambaasaaddar Fissahaan turtii TOI waliin taasisaniin eeraniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.