Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan talaallii Covid-19 Sanbata kennuu eegalti

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan talaallii Covid-19 Sanbata dhufu kennuu akka eegaltu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Talaallichi naannoolee hundaa fi bulchiinsoota magaalaa irratti bakka hoggantoonni hojii olaanoo fedeeraalaa fi naannoo argamanitti ni kennama jedhameera.
Ministeerri Fayyaa talaallicha eegaluuf qophii gahaa taasisaa turuu ibseera.
Hanga ammaatti leenjii laachuu, talaallicha rabsuu fi qophii garagaraa taasisaa turuu beeksiseera.
Ityoophiyaan marsaa jalqabaatti talaallii vaayrasii koroona miiliyoona 2.2 walta’iinsa idil addunyaa Koovaash irraa fudhachuu ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.