Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Shaampiyoona Atleetiksii Addunyaa 19ffaan Meedaaliyaa Warqee jalqabaa argatte

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC) –Ityoophiyaan Shaampiyoona Atleetiksii Addunyaa 19ffaa har’a gaggeeffameen meetira kuma 10 Meedaaliyaa Warqee,Meetii,Nahaasii argatteerti.

Atleet Gudaaf Tsaggeeyii Meedaaliyaa Warqee, Atleet Lattasanbat Giday Meetii fi Ijjigaayyoo Taayyeen Nahaasii Ityoophiyaaf argamsiisaniiru.

Ityoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 19ffaa Hangarii Magaalaa Buudaapeesittitti har’a jalqabeen meedaaliyaa 3 argateerti.

Dhalattuun Ityoophiyaa lammiin Neezarlaand Atleet Siifan Hasan morkii cimaa tasiiftuus osoo hin milkaa’iin hafteerti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.