Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan sanada waliigaltee humna elektirikaa Sudaan Kibbaaf dhiyeessuu ishee dandeessisu mallatteessite

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan sanada waliigaltee humna elektirikaa Sudaan Kibbaaf dhiyeessuu ishee dandeessisu mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa fi Ministirri Minsteera Bishaanii fi Hidhaa Sudaan Kibbaa Piitar Maarseeloon mallateessaniiru.

Biyyoonni lameen tumsa siyaasaarra darbee gama diinagdeenis hariiroo isaanii cimsuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Waliigalteen gurgurtaa humna elektrikaa guyyaa har’aa mallatteeffame marsaa jalqabaan meegaa waattii 100 yoo ta’u, adeemsa keessa bu’uuraalee misoomaa cimsuun hanga meegaa waattii 400tti guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu eerameera.

Bu’uura waliigaltichaan hojiileen qorannoo dursa kan hojjetaman ta’uu fi yeroo itti aanutti ijaarsi bu’uuraalee misoomaa daddabarsaa fi raabsaa humna elektrikaa mootummoota biyyoota lameeniin kan hojjetamanii fi waggoottan sadii booda humna elektrikaa gara biyyattiif dhiyeessuuf karoorfatamuu ibsameera.

Waliigaltichaan dura har’a ganama jilli Sudaan Kibbaa Giddugala To’annoo Humna Elektrikaa Biyyaalessaa fi Buufata Raabsaa Humna Elektrikaa Kotobee daawwateera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.