Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan sanada waliigaltee hidha haaroomsaa irratti ejjeennoo dhaabbataa qabaachuu qabaachuu ibsite

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC)- Ityoophiyaan marii dhimma hidha haaroomsaa taasisaa jirtuuf sanadoota dhiyaatan irratti ejjeennoo jabaa akka qabdu Minsteerri Jallisii fi Iinerjii ibseera.

Ministirri Ministeera Jallisii fi Iinerjii Dooktar Injiner Silashii Baaqqalaa ibsa laataniin Ityoophiyaan Sudaanii fi Gibtsi waliin marii dhimma hidha haaromsaa guddicha irratti taasisaa jirti malee laga Naayiil akka of keessaatti hin hammannee himaniiru.

Ityoophiyaan marii faayidaa ishii eguu taasisaa jiraachuu injiner Silashiin himaniiru.

Miidiyaa hawaasaa irratti dhimmi yaada waligalte tatamsaa’aa jiru bu’ura kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan lagaa Abayyaa irratti ejjeennoon duraan qabdu kan hin jijjiramne ta’us himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.