Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan sadarkaa sosochii Farra malaamaltummaan qabdu  fooyyeessite

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan sadarkaa sosochii Farra malaamaltummaan qabdu  fooyyeessuu ishee ‘Tiraanispaaraans Internaashinaal’ gabaasa har’a baaseen ifoomseera.

Dhaabbatichi gabaasa bara 2020 har’a ifomseen Ityoophiyaan sadarkaa sosochii gama Farra malaamaltummaan kana dura qabdu fooyyeessuu himeera.

Haaluma kanaan Ityoophiyaan sadarkaa kana dura irra turte 96ffaarraa sadarkaa 2 fooyyeessuun 94ffaa ta’uu ishee ifoomseera.

Bu’aa galmeessiteen 37 irraa gara 38tti guddachuu ibsameera.

Waggaa lama dura wayita sadarkaa 114ffaarra ture bu’aan ishee ammo 34 ture.

Akka gabaasichaatti biyyoota 180 keessa Deenmaarkii fi Niiwuzlaand qabxii 88 sadarkaa duraatti argamu.

 

Fiinlaand, Siingaapoor, Siwiidiinii fi Siwiizarlaand ammoo qabxii 85 sadarkaa itti aanu qabataniiru jedhame.

 

Gama biroon Sudaan Kibbaa fi Soomaaliyaan qabxii 12 sadarkaa dhumaarra jiru jedhame.

 

Sooriyaan qabxii 14, Yemaan qabxii 15, fi Veeniizoolaan qabxii 15niin qabaachuun kan itti aanaan ta’uu ibsameera.

Bara kana biyyoonni 2/3 qabxii 50 gad kan galmeessan ta’uus himameera.

 

Tiraanispaaraans Internaashinaal bara baraan qorannoo Farra malaamaltummaa gaggeessuun sadarkaa haala qabatamaa biyyootaa kan ifoomsu yoo ta’u, dhaabbata miti mootummaa teessoo isaa Jarman taasiise ta’uu ragaan Komishinii Namuusaa fi Farra Malaamaltummaarraa argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.