Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan rakkoo yeroo ammaa ishee mudate furuuf dandeettii qabdi- Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo yeroo ammaa ishee mudate furuuf biyya dandeettii fi ogummaa qabdu ta’uu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii  Dooktar Ballaxaa Mollaa ibsan.

Dooktar Ballaaxaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Siwiidiin Hans Heenariis Luunduukiist waliin dhimmoota Saayiinsii, teeknooloojii, innooveeshinii fi  biyyaalessaarratti mari’ataniiru.

Siwiidiin damee Infoormeeshin Koomunikeeshin Teeknooloojiin biyya muuxannoo cimaa qabdu waan taateef Ityoophiyaan muuxannoo kana qooddachuuf deeggarsa akka barbaadduu ibsaniiru.

Deeggarsa Siwiidiin Ityoophiyaaf taasisaa turteef galateeffachuun deeggarsa biyyattiin damee Aay Sii Tii fi Diijitaalaayzeeshiniin Ityoophiyaaf taasisaa turte cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru.

Ambaasaaddar Hans Heenariis Luunduukiist gamasaaniin, biyyisaanii dameewwan teeknooloojii, hojii uumuu, barnootaa fi qonnaan Ityoophiyaa deeggaruuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhaabbileen Siwiidiin 13 ol Ityoophiyaa keessa jiraachuu kaasuun haala yeroo biyyaalessaarratti yaaddoo qaban ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii  Dooktar Ballaxaa Mollaan Ityoophiyaan rakkoo yeroo ammaa ishee mudate furuuf dandeettii fi ogummaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Mnisteericharraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.