Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan rakkoo naannoo daangaa Sudaan waliin uumame karaa nagaan furuuf tattaaffii eegalte cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo naannoo daangaa Sudaan waliin uumame karaa nagaan furuuf tattaaffii eegalte cimsitee kan itti fuftu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin himan.
Rakkoon naannoo daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti uumamee ture yeroo ammaa hanga tokko tasgabba’uus Ityoophiyaan rakkicha furuuf tattaaffii taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsa laataniin dubbataniiru.
Hoggantoonni olaanoon Sudaan tokko tokko dhimmicha keessatti hin hirmaanne jechuunis hin danda’amu jedhan.
Humnoonni walitti bu’iinsicharraa bu’aa argachuuf dhama’an hedduun jiraatanis mootummaan Ityoophiyaa gara walitti bu’iinsatti hin seenu jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
Naannichi tasgabbii akka hin arganne qaama barbaadutu jira kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, wanti gama Sudaaniin eegalan jalaa fashalaa’uus karaa biroon eegaluu danda’u jedhan.
Haala waaqtawaa naannoo Tigraay ilaalchisee dhaabbileen idil addunyaa ejjennoo garaagaraa qabatanii turan gara daandii tokkootti dhufaa jiraachuu himaniiru.
Hojiilee dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate hojjetameen lammiilee baqatanii turan gara biyyatti deebisuun danda’ameera jedhaniiru.
Haaluma kanaan lammiileen 286 Sa’uud Arabiyaarraa, lammiileen 42 ammoo Libaanoosii gara biyyaa deebi’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.