Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan rakkoo ishee mudate  ofiisheen akka hiiktu amantaan qaba- Ambaasaaddara Baangilaadish

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo ishee mudate  ofiisheen akka hiiktu amantaan qaba jedhan Ambaasaaddarri Baangilaadish Naasruul Islaam.

Ambaasaaddarichi turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin  Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad adda waraanaatti argamuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetan dinqisiifataniiru.

Haalli yeroo Ityoophiyaa furmaata argatee biyyattiin yeroo dhiyoo keessatti gara nageenyaatti ni deebiti jedhan.

Hariiroo yeroo dheeraa Ityoophiyaa fi Baangilaadish daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Baangilaadish gama qonnaan, tumsa Raayyaa Ittisa Biyyaan, hariiroo uummataa fi uummataan akkasumas dameewwan biroorratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii kan qabdu ta’uu ibsaniiru.

Baangilaadish damee qonnaan, qorichaan, oomisha huccuun akkasumas nageenyaan beekumsaa fi muuxannoo bara dheeraa kan qabdu ta’uu kaasuun, muuxannoo ishee Ityoophiyaaf qooduuf kutannoo qabaachuu himaniiru.

Akka gabaasa sobaa miidiyaaleen biyyoota lixaa tokko tokko gabaasan osoo hin taane nageenyii fi sochiin daldalaa magaalaa Finfinnee akkuma kanaan duraa karaa nagaan gaggeeffamaa jiraachuu fi kanaaf immoo ragaa kan ba’an ta’uu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.