Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qulqullina Barnootaaf xiyyeeffannoo laachuun hojjetaa jirti – Piroofeesar Birihaanu Naggaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan qulqullina Barnootaaf xiyyeeffannoo laachuun hojjetaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanu Naggaan ibsan.

Ministirichi Yaa’ii Barnootaa idil Addunyaa Ingilizitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Yaa’icha cinaatti Ministir Deetaa Ministeera Misoomaa fi Dhimmoota Afrikaa Biriitaaniyaa Indiriiw Miicheel waliin mari’ataniiru.

Haala hariiroo damee barnootaa biyyoota lamaanii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Piroofeesar Birihaanuun fooyya’iinsa Ityoophiyaan damee barnootarratti taasiisaa jirtu ilaalchisee ibsa laataniiru.

Yaa’iin barnootaa kun mata duree ‘Jalqabbii haaraa, Aadaa Barachuu guddisuu, dandeettii dandamannaa cimsuu, waaraan guddisuu, barnoota cimaa kalaqaan deeggaramee fi banoota fooyya’a’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Ministiroonni barnootaa biyyoota hundaa argamuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.