Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qorannoo yaala Covid-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaan durfamutti makamte

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan qorannoo yaala Covid-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaan durfamutti makamte.
Inistiityuutiin qorannoo Armaawar Haansan hojii qorannoo gaggeessaa jiru ilaalchisee ibsa laateera.
Yaaliin qorannoo taasifamaa jiruun qorichoonni yaala fayyaa biroof oolaa jiran yaala dhibee Covid -19f akka ooluu danda’an qorachuuf ta’uu itti aanaan daayreektara Inistiityuutichaa Dooktar Alemsaggad Abdiisaan himaniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waltajiiwwan adeemsa qorannoo Covid -19 gargaara qopheessuun maloota talaallii fi qorannoo fooyyeessuuf tattaaffii taasiisuurratti argama jedhame.
Qorannoo tumsaan gaggeeffamaa jiru kanarratti biyyoonni 30 fi Hospitaaloonni 500 hirmaachaa jiraachuu ibsameera.
Ityoophiyaan gama Inistiityuutii qorannoo Armaawar Haansaniin qorannoo yaala Covid-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaan durfamutti makamuu ishee himameera.
Kanaanis Afrikaatti Gibtsi fi Afrikaa Kibbaatti aantee biyya sadaffaa ta’uu ishee ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.