Ityoophiyaan Qoqqoobbii Ameerikaan Eertiriyaarra keesse balaaleeffatte
Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Qoqqoobbii Ameerikaan Eertiriyaarra keesse balaaleeffachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Qoqqoobbii Mootummaan Ameerikaa mootummaa Eertiriyaa fi hoggantoota biyyatti tokko tokkorra keesse sirrii kan hin taane ta’uu mootummaan Ityoophiyaa ibseera.
Qoqqoobbichi kan miidhaa qaqqabsiise dhiisee kan miidhame reebuu ta’uua mootummaan Ityoophiyaa eereera.
Mootummaan Ityoophiya tarkaanfichi sirrii akka hin taaneetti kan amanu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Mootummaan Eertiriyaa haleellaa gareen Shororkeessaa irratti raawwate qolachuuf fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf dirqamuu isaan qoqqoobbiin kaa’ame nageenya naannichaa balaa waan ta’eef mootummaan Ityoophiyaa ni balaaleffate jechuun ibseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.