Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qajeeltoo fayyadamummaan qabeenya bishaanii haqa qabeessaa ni kabajji-Amb. Jamaal Bakar

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)-Ityoophiyaan qajeeltoo itti fayyadama haqa qabeessaa qabeenya bishaanii fi seera idil addunyaa guutummaatti akka kabajju Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakar dubbatan.

Ambaasaaddar Jamaal Bakar, Sekireetarri Dhimmaa Alaa Paakistaan Dooktar Asaad Majeed Kahaan waliin mari’ataniiru.

Hidhi Haaromsaa sadarkaa idil addunyaa eeggatee ijaarama akka jiruu fi damee inarjiin walitti hidhamiinsa biyyoota ollaa fi naannawaa uumuuf gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Keessumaa biyyoota yaa’a lagichaa waliin garaagarumaa jiru marin furuu fi itti fayyadamummaa haqa qabeessi akka jiraatu guutummaatti kan amatu ta’uu dubbataniiru.

Dabalataan Ambaasaaddar Jamaal, hariiroo yeroo dheeraa fi seena qabeessaa biyyoota lamaanii dameewwan saayinsii, teeknooloojii, turizimii, dinagdee fi kanneen biroon cimsuu haalota dandeessinirratti mari’ataniiru.

Haaluma kanaan walta’iinsaa gama lameenii, damee hedduu fi naannawaa cimsuuf waliigalteerra ga’uun ibsameera.

Dabalataan waliigaltee nageenyaa milkaa’inaan hojiirraa oolaa jiraachuun haalli kutaa Kaaba biyyatti haalaa duraanitti deebi’aa jiraachuu kaasaniiru.

Jilli daldalaa Paakistaan baatii darbee Ityoophiyaa daawwachun biyyoonni lameen caalmaan hariiroo isaanii akka cimsu taasisuu dubbataniiru.

Dooktar Asaad gama isaaniin, mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee nageenyaa milkaa’inaan hojiirra oolchaa jiraachuu dinqisiifatanii, adeemsa deebisanii ijaaruu kutaa Kaabaa keessatti tumsa akka taasiftuu mirkaneessaniiru.

Garaagarummaan ijaarsa Hidha Haaromsaarratti jirus marii nagaan furmaataa baaftuu ta’uu himaniiru.

Embaasiin Ityoophiyaa Jilaa daldalaa Paakistaan keessummeessuuf simannaa taasiseef galateeffataniiru.

Baatii dhufu, hariiroo Paakistaanii fi Ityoophiyaa eegalame caalmaan cimsuuf jilli Ityoophiyaa Paakistaaniin akka daawwatu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.