Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Proojektii Hariiroo Diijitaalaa Naannawaa Baankii Addunyaa keessatti akka haammatamtuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) –Ityoophiyaan Proojektii Hariiroo Diijitaalaa Naannawaa Baankii Addunyaa keessatti Ityoophiyaan akka haammatamtuuf waliigalteerra ga’amuu ibsame.

Jilli hogganaa Imaammata Aayisiitii Baankii Addunyaa Dooktar Tiim Keliin durfamu Ityoophiyaatti sadarkaa hojiileen Proojektii Diijitaal Faawundeeshiniin hojjetaman irra jiran gamaggamuu ibsameera.

Proojeektichi baajataa fi yeroo qabameefitti hojjetamuu akka qaban Dooktar Tiim Keliin yaadachiisaniiru.

Projektiin Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaa faayyadamoo taasisuuf Baankii Addunyaan deeggaramu kun Ityoophiyaa haammachuu kan danda’u ta’uu dubbataniiru.

Proojektii Faawundeeshinii Diijitaalaa ajandaa tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa Ityoophiyaa ittiin milkeessuuf hojjechaa jirra jedhan Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin.

Ityoophiyaan Proojektii Hariiroo Diijitaalaa Naannawaa keessatti haammatamuusheef galateeffachuun tattaaffii diinagdee diijitaalaa ijaaruuf taasifamuuf humna dabalataa kan uumu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.