Ityoophiyaan Oomishaalee ishee argisiisa faashinii daldalaa Paarisirratti beeksisaa jirti
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan oomisha biyya keessaa ishee argisiisa faashinii daldalaa Idil addunyaa Firaansaay Paarisitti qophaa’erratti beeksisaa jirti.
Oomishaaleen uffata ogummaa harkaan hojjetamanii fi uffataleen teeknooloojiin oomishaman, bu’aaleen kal’oo fi faashinni kalaqaa argisiisichaaf dhiyaataniiru jedhame.
Argisiisa kanarratti dhaabbileen idil addunyaa kumni 29 biyyoota 130 irraa walitti babba’an hirmaachaa jiraachuu ibsameera.
Ityoophiyaan oomishaalee ishee beeksisuun dhaabbilee bittaa haaraa hawwachuuf haala kan mijeessuu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.