Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan oomisha foonii, kuduraa fi muduraa ishee chaayinaatti erguuf karooraa qabaachuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan oomishaalee akka muuzii, avokaadoo fi maangoo akkasumas oomisha foonii gara Chaayinaatti erguuf karoora akka qabdu ibsame.

Karooricha kan ifoomsaan Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Togaa, Ityoophiyaan qaama pirojektii “One Road Belt” Chaayinaa ta’uusheetiin invastimantii Chaayinaarraa fayyadamtuu ta’uu dubbataniiru.

Diriirsi sarara geejiba baaburaa Ityoo-Jibuutii fi ijaarsa paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti gaggeeffamanii sababoota muraasa ta’uu ibsan.

Kuduraa fi mudara fi foon gara Chaayinaatti erguuf karooraa bal’inaan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad qabatan keessaa tokko ta’uu marsariitiin ‘Splay management’ jedhamu gabaaseera.

Dabalataanis hojii daandii baaburaa Ityoo-Jibuutii bara Faranjootaa 2018 akka xumuramee fi yeroo ammaa daandichi lafee dugdaa biyyattii akka ta’e gabaasichi eereera.

Daandiin Ityoo-Jibuutii hojii eegaluun loojistiksiif baasii ba’u Birrii biiliyoona 2.4 baraaruun akka danda’ame Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinichaa Obbo Abdii Zannabaa wabeeffachuun gabaaseera.

Daandiin Baaburaa Ityoo-Jibuutii tajaajila fe’umsaa daldala galii fi ba’ii toonii miiliyoona 1.7 konteenaroota kuma 71’n kennuu akka danda’e ibsameera.

Bunni Ityoophiyaa %98 daandii kanaan gabaa addunyaaf dhiyaachuu gabaasichi eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.