Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan obsaa fi of eeggannoon murtoo ijoollee ishee hundaaf fayyadu murteessaa jirti – Dooktar Laggasee Tulluu

Finfinnee, Sadaasa 4, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan obsaa fi of eeggannoon murtoo ijoollee ishee hundaaf fayyadu murteessaa jirti jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasee Tulluun.

Wantoota ilaalcha seenaa fi muuxannoo qabatamaatiin yoo ilaalle, waldhabdee irraa gara nagaa waaraatti ce’uun, qajeeltoo kennaanii fi fudhachuu, obsaa fi gamnummaan qajeelfamuu agarsiisa jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Nageenya waaraa argachuun dirqama ta’uu mul’isa jedhan.

Dhimmi kun kan keessoo yoo ta’e ammoo xiyyeeffannoo addaa fi hubannoo cimaa kan gaafatu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan obsaa fi of eeggannoon murtoo ijoollee ishee hundaaf fayyadu murteessaa jiraachuu dubbatan.

Miidhaalee fi gadda keenya kan dagannu dhiifama yoo waliif goone qofa jedhan.

Kun akka milkaa’uuf ijoolleen ishee tumsa ni taasisu jettee amantaa irraa qabdi jedhaniiru.

Imalli eegalles gaarii fakkata, ijoolleen ishee yoo tumsan ni milkaa’a jechuun himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.