Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan miseensa bakka buutuu Boordii hojii raawwachiiftuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’uun filatamte

Finfinnee, Caamsaa 20, 2014 (FBC) – Yaa’ii Waliigalaa dhaabbata Fayyaa Addunyaa 75ffaa Siwiizarlaand Jeneevaatti gaggeeffamaa jiruun Ityoophiyaan miseensa bakka buutuu Boordii hojii raawwachiiftuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’uun filatamteerti.

Afrikaarraa Ityoophiyaa fi Seeneegaal miseensa bakka buutuu Boordii hojii raawwachiiftuu dhaabbatichaa ta’uun filatamaniiru.

Biyyoonni miseensa boordii ta’uun filatamaan karaa bakka bu’aa isaaniin murtoo yaa’ichaa hojiirra oolchuu, ajandaa bocuu, imaammataa fi tarsiimoo raawwachiisuu, akkasumas yaada murtoo barbbaachisaa ta’e dhiyeessuun kallattiiwwan kaa’aman hordofuun kan raawwachiisaan ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.