Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan marii Raayyaa Ittisaa Afrikaa-Hindirratti hirmaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) –Jilli Ministira Ministeeraa Raayyaa Ittisa Dooktar Abrahaam Balaayiin durfamu  marii Raayyaa Ittisaa Hindi-Afrikaa Guujiraattitti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jiraachuu ibsame.

Dooktar Abrahaam Balaay deeggarsa waraanaa Afrikaa- Hindi akkasumas Ityoo-Hindi irratti yaada isaanii qooduu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Marichi tumsa waraanaa Ityoophiyaafi Hindii cimsuuf haala kan mijeessu ta’uu Dooktar Abrahaam eeraniiru.

Affeerraan hirmaannaa Hindiin Ityoophiyaaf taasiste, biyyoonni lameen yeroo itti aanutti dameewwan indaastirii Raayyaa Ittisaan, teekinoolojiifi misoomaan walta’iinsaa akka hojjetaniif daandii kan saaqe ta’uu dubbataniiru.

Ityoophiyaan gama ittisa haleellaa saayibarii, humna galaanarraa, nageenyaafi shororkeessummaa ittisuurratti Hindi waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Hindii Raajaanaat Siing gamasaaniin, hirmaattota marichaa galateeffachuun, Hindi tumsa biyyoota Afrikaa wakliin qabdu guddisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.