Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan marii miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf jalqabde irra deebiin eegalte

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan marii miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf jalqabde irra deebiin eegalte.

Gorsaan dhimma diinagdee fi imaammataa muummee ministiraa obbo Maammoo Mihiratuun karaa Twiitara isaanitiin akka beeksisanitti Ityoophiyaan gaaffii miseensummaa dhaabbatichaa waggaadhan dura eegalte, irra deebiin jalqabdeetti jedhan.

Obbo Maammoon gaaffii Ityoophiyaan dhiyeessituuf daayreektarri olaanaan dhaabbatichaa Roobeertoo Azeveedoon tumsa taasisaniif galateeffataniiru.

Maricharratti hirmaachuuf namoonni obbo Maammoo Mihiratuutin duurfaman 10 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin baatidhaan dura filatamuun ni yaadatama.

Miseensonni koree kanaas Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa, Koomiishinii Plaanii fi Misoomaa Biyyoolessaa, Ministeera Daldalaa fi Indaastirii kan hammatedha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.