Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan marii Hidha Haaromsaan walqabatee taasiifamu cimsitee itti fufti – Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan Hidha Haaromsaan walqabatee waldhabdee ka’u mariin fufuuf tattaaffii taasiifamu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Mininistirri Ministeera Bishaan, Jallisiin fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Dooktar Silashiin Aljaziiraa tamsaasa Afaan Arabaa waliin turtii taasiisaniin Ityoophiyaan hidhicha ilaalchisee waldhabdee uumamu mariin furuuf ejjennoo cimaa qabatee jirti jedhan.

Mariin sadeen hidhichaa akka itti fufuuf Ityoophiyaan fedhii qabaachuu eeruun, kanarraa kan hafe dhimmoonni walxaxaan hin barbaachifne fudhatama hin qabaatan jedhan.

Marii dhimma teeknikaarratti biyyoota yaa’aa gadii waliin gaggeeffameen dhimmoota hedduurratti waliigalteerra ga’amuu himaniiru.

Mariin sadee gaggeessummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu Ityoophiyaan adeemsa marii gamtichi gaggeessuun akka itti fufu fedhii qabdi jedhan.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.