Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan marii haqa qabeessaa eegaltee xumura akka argatuuf qophiidha –Dooktar Injinaar Silashii

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Mariin Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa gara Gamtaa Afrikaatti akka deebi’uuf shooraa Miseensoonni Mana Maree Nageenyaa taasisaniif Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii  Baqqalaa galateeffataniiru.

Miseensonni mana marichaa Ityoophiphiyaan proojektiin misoomaa isheen eegaltee dhiibbaa kan hin qaqqabsifnee ta’uu hubachuun marichaa gara Gamtaa Afrikaatti akka deebi’uu waan taasisaniif ministirichi fuula Twiitara isaaniirra galateeffataniiru.

Ityoophiyaan marii sadeenii haqa qabeessaa fi hunda fayyadamaa taasisuu eegaltee xumuraa akka argatuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru.

Kamisa darbe biyya kiyyaa bakka bu’ee mana maree nageenyaaf ibsa bu’a qabeessaa taasiseera kan jedhan Dooktar Injiinar Silashiin, mariin hidha haaromsaa Ityoophiyaa Gamtaa Afrikaa fala furmaata akka argatuu nan amanaa jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.