Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan lammiilee Soomaaliyaatif deeggarsa qorichaa laatte

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan lammiilee Soomaaliyaa balaa lolaatin miidhamaniif deeggarsa qorichaa laatte.
 
Ityoophiyaan deeggarsa dawaa kana kan laatte lammiilee Soomaaliyaa naannoo Hiir Shabalee, Ladawayinitti balaa lolaatin miidhamaniifi.
 
Deeggarsichaan Ityoophiyaan dawaa toonii 10 fi ogeeyyii yaalaa ergiteetti.
 
Deeggarsichis bakka ergamaan addaa FDRI fi Soomaaliyaatti Ambaasaaddara guutuu Ityoophiyaa Jamaaluuddiin Musxafaa, preezdaantiin naannoo Shabalee, itti aanaan af yaa’ii paarlaamaa naannichaa fi Humna Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Ergama Soomaaliyaatti miseensonni raayyaa ittisaa FDRI argamanitti bulchiinsa godinichaatif laatera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.