Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan kongirensii Diiroonii Idil addunyaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)- Biyya Chaaayinaa Magaalaa Shinzhiintti taa’amaa kan jiru Kongirensiin Diiroonii ykn xiyyaara nama malee idil-addunyaa 5ffaa kan bara 2021 irratti Ityoophiyaan affeeramuun hirmaachaa jirti.

Ityoophiyaa, Siwizerlaand fi Paakistaan biyyoota affeerraa kabaja kongireensichaa ta’uusaanii himameera.

Chaayinaa magaalaa Guwaanzhutti Qonsillii jeneraalaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Iwuneetuu Bilaattaa akka himanitti, xiyyaarri nama malee fi nam-tolcheen Ityoophiyaatti damee qonnaa ammayyeessuuf ga’umsa guddaa gumaachaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Teeknooloojichi damee aaviyeshiniin, fayyaa, eegumsa naannoo, misooma magariisaa, bulchiinsa lafaa fi damee albuudaan gumaacha inni kennaa jiru olaanaa ta’uus himaniiru.

Teeknooloojichi dhaabbilee Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti akka riqichaa ta’ee akka hojjetu mirkaneessuusaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argamee ni muuldhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.