Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf maallaqa barbaachisuun Doolaara biiliyoona 25.2 keessaa Doolaara biiliyoona 1.7 qofa argachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan Bara Faranjootaa 2019/2020 faayinaansii jijjiirama qabeenya qilleensaa Doolaara biiliyoona 25.2 argachuu qabdu keessaa Doolaara biiliyoona 1.7 qofaa argachuun eerame damecharratti qorannoo gaggeeffameen akeekame.

Garee qorannoo dhaabbilee idil addunyaa “FSD Africa” fi “Climate Policy Initiative” jedhaman qaamolee dhimmichi iilaallatu waliin bu’aa qorannoo gaggeessanii ifoomsaniiru.

Bu’aa qorannichaan Ityoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf deeggarsa maallaqaa barbaachisuun keessaa Doolaara biiliyoona 1.7yookaan %7 qofa argachuun akeekameera.

Qabeenyaa %7 argame keessaa %92 kan ta’u deeggartoota mootummoota idil addunyaan kan argameedha jedhameera.

Tsaggaayee Wandasantu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.