Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf kutannoo qabdu waltajjii addunyaatti mul’iste

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) –Ityoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf kutannoo qabdu yaa’ii jijjiirama qabeenyaa qillleensaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti mul’isteetti.

Ityoophiyaan Ijipti Shaarmaal Shayiikitti kan gaggeeffamaa jiru Yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanirratti muuxannoo gama kanaan jiru argisiisteetti.

Daayrektarri Qindeessaa Waliigalteewwan Idil Addunyaa Abbaa Taayitaa Eegumsaa Naannawaa Obbo Mansuur Dassee gabaasa waltajjicharratti dhiyeessaniin waggoottan 50’n darban jijjiiramni qabeenya qilleensaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuu hubachiisaniiru.

Keessumaa balaawwan akka balaa lolaa, hongee fi kanneen biroo dabalaa dhufe biyyattiitti irra deddeebiin mudachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan waggoottan 40’n darban keessa haala hinbaratamneen jijjiirama qabeenya qilleensaan qoramuu eeranii naannawaa gammoojjii biyyattiitti hongee mudateen miidhaa olaanaan qaqqabuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan namoonni miiliyoona 8.1 hongeen walqabatee miidhamuu fi kanneen keessaa beeyladoonni gaanfaa miiliyoonni 2.1 du’uu gabaasichaan ibsaniiru.

Rakkoolee kanneen hambisuuf Ityoophiyaan karoora to’annoo dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa qopheessuun tattaffii taasisaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas sirna qabiinsa lafaa waaraa hojiirra oolaa jiruu fi hojii misooma sululaa hojjechaa jirtu irraa addunyaan barachuu akka qabduu fi muuxannoo gaarii ta’uun waltajjicharratti dhiyaateera.

Mootummaanis rakkoolee jiran furuuf hojiilee garaagaraa hojjetus hanqinni faayinaansii fi deeggarsi dhaabbilee deeggartootaa biyyoota guddatanii laafuun tattaaffii taasifamaa jirurratti gufuu olaanaadha jedhamuu ragaan Miniteera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.