Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan industirii huccuu deeggaruuf dhaabbilee idil addunyaa waliin walii galtee mallatteessite

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan industirii huccuu deeggaruuf dhaabbilee idil addunyaa waliin walii galtee mallatteessu ishee Ministeerri Daldalaa fi Industirii beeksise.
Ministeerichi industirii huccuu guddisuu fi deeggaruuf Dhaabbata Misoomaa Indastirii Mootummoota Gamtoomanii fi Dhaabbata Gargaarsa Jaarmaan waliin walii galticha mallatteessera.
Ministir deettaan Ministeera Daldalaa fi Industirii obbo Takkaa Gabra Iyyasuus, bakka bu’aan Dhaabbata Misoomaa Indastirii Mootummoota Gamtoomanii fi daayreektarri naannichaa Oreeliyaa Paatriziiyaa Kaalaabroo waliigalticha mallatteessaniiru.
Waliigaltichi warshaaleen Chaayinaa Ityoophiyaatti argaman itti gaafatamummaa haawwasummaa fi naannoo akka ba’atanif jedhameera.
Damee huccuu industirii guddisuuf deeggarsa taasifamuun deeggarsa maallaqa mootummaa Chaayinaarra argamuun ta’u bakka bu’aa Dhaabbata Misoomaa Indastirii Mootummoota Gamtoomanii fi daayreektarri naannichaa Oreeliyaa Paatriziiyaa Kaalaabroo himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.