Ityoophiyaan hojii ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamuudha-DhQNy
Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan hojiilee Ashaaraa Magariisaan hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamuudha jechuun Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Qonnaa fi Nyaata Addunyaa Doongiyoo Chuun ibsan.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee Daayrektara dhaabbatichaa Doongiyoo Chuu waliin mari’ataniiru.
Dooktar Girmaan marichaan, dhaabbatichi jallisii xixiqqa fi giddugaleessaaf deegarsa taasisaa jiraachuu eeruun damee jallisii kana caalmaan cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fuulduratti qabeenya bishaanii jiru fayyadamuun misooma jallisii, qabeenya uumamaa fi hojiilee qonnaa biroof dhaabbaticharraa deeggarsi Doolaara miiliyoona 87 mallatteessuuf qophaa’uu dubbataniiru.
Gama awwaannisa ittisuutiin dhiyeessii xiyyaarota biiffaa, konkolaattota fi loojistikii biroof dhaabbatichi deeggarsa Birrii biiliyoona 1 olii taasisuu beeksisaniiru.
Daayrektarri Dhaabbataa Qonnaa fi Nyaata Adduunyaa Doongiyoo Chuu gama isaaniin,
Ityoophiyaan ashaaraa magariisaan hojiilee hojjechaa jirtu dinqisiifatanii, misooma paarkii magariisaafis deeggarsa akka taasisan ibsuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaan dhaabbaticha waliin hariiroo yeroo dheeraa kan qabdu ta’uu eeruun, wabii nyaataan of danda’uuf tattaffii taasiftuu fi qamadii gara alaatti erguu eegaluu ishee dinqisiifataniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.