Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hariiroo biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin qabdu cimsuuf tattaaffii eegalte itti fufti – Ministeera Alaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan hariiroo biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin qabdu cimsuuf tattaaffii eegalte cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem dhimmoota dippiiloomaasii tibbanaa ilaalchisee ibsa laataaniiru.

Guyyoottan darban aanga’oonni biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa Ityoophiyaa daawwachuu kaasaaniiru.

Daawwannaan kunneen hariiroo hungaleessaa fi Dippiloomaasiin caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Mallas eeraniiru.

Pireezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaakiir, Ministirri Alaa Kooriyaa Kibbaa Paark Jiinii,Ministirri Alaa Jaappaan Hayaashii Yuushiimaasaanii fi Ministirri Tumsa Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa Naaleedii Paandoor Ityoophiyaa daawwachuu kaasaniiru.

Akkasumas Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajeey Baangaa fi Gaanfa Afrikaatti ergamtuun addaa Gamtaa Awurooppaa Dooktar Aniit Weebar Ityoophiyaatti daawwannaa taasiisuu isaanii eeraniiru.

Daawwannaan hoggantoota kanneenii hariiroo hundagaleessa Ityoophiyaan biyyoota addunyaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin qabdu cimsuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.

Fireehiyiwaat Saffiiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.