Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hariiroo biyyoota waliin qabdu cimsuuf fedhii qabdi –Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen xaalayaa muudama Ambaasaaddaroota biyyoota 10 fudhataniiru.
Preezdaant Saahilawarq xaalayaa Muudama Ambaasaaddara Xaaliyaanii Agoostoo Poolees, kan Maalaawwii Ambaasaaddar Shaarlis Piitar Misoosaa, kan Filiisxeem Faaris Alquub, Giinii Bisaw Ambaasaaddar Ibraahimaa Saannoo, Burkiinaafaasoo ambaasaaddar Ooliiviiyaa Roo’ambaa, kan Taanzaaniyaa Innoosant Ujjiin Shiihoo,kan Kuubaa Ambaasaaddar Joorji Feernaandoo Lafabree Niikoolaa, kan Araba Gamtoomanii Ambaasaaddar Waliid Hasmad Shiintaagib,kan Burrundii Ambaasaaddar Wiilii Niyaamiitwee fi kan Seeneegaal Amaasaaddar Mohaammad Laamiin Tii’aawu fuudhaniiru.
Ityoophiyaan hariiroo fi michummaa biyyoota kanneen waliin qabdu cimsuuf fedhii qabdi jechuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.