Ityoophiyaan Godaantootaaf talaallii Covid – 19 laachuu eegalte
Finfinnee, Eebila 4, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan Godaantoota biyyoota adda addaarraa dhufaniif talaallii Covid –19 laachuu eegaltee jirti.
Talaallichi Godaantoota buufata gondaasaa Gaambeellaatti argamaniif kennamuu eegaluu Ejansiin Dhimma Godaansaa Deebitootaa beeksiseera.
Hanga ammaattis Talaalliin Astiraazeeniikaa jedhamu godaantoota 405f laatamuu ibsameera.
Talaallicha Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dabalatee qooda fudhattoonni biroo tumsaan kan laatan ta’uu himameera.
Talaalliin marsaa 2ffaa baatii sadi keessatti kan laatamu ta’uu Ejansichi eereera.
Talaallichi qaama hunda akka walga’uuf hawaasni addunyaa tumsa taasiisu cimsee itti fufuu akka qabu waamichi dhiyaateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.