Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan gahee gabaa Chaayinaa keessatti qabdu guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan gabaa oonlaayiniin akaakuu oomishaalee gabaa Chaayinaaf dhiyeessitu dabaluun, gahee gabaa ishee keessatti qabdu guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Embaasii Ityoophiyaa Chaayinaatti Itti Aanaan Dursaa Misiyoonaa Ambaasaaddar Dawwaanoo Kadiir ibsan.

Misiyoonichi Adoolessa 27 hanga har’aa Magaalaa Honjootti kan gaggeeffame argisiisa bittaa fi gurgurtaa onlaayinii Chaayinaa 9ffaa irratti hirmaateera.

Ambaasaaddar Dawaanoo Kadir argisiisicharratti haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan gabaa oonlaayiniin akaakuu oomishaalee gabaa Chaayinaaf dhiyeessitu dabaluun, gahee gabaa ishee keessatti qabdu guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbileen Chaayinaa damechaarratti bobba’anii fi muuxannoo qaban oomishaalee Ityoophiyaa gabaa alaaf dhiyaatan sirnaa bittaa fi gurgurtaa marsariitii Chaayinaa irra akka galaniif deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Argisiisichi, buna dabalate oomishaalee Ityoophiyaa gabaa alaaf dhiyaatan argisiisaaf dhiyaachuun hirmaattotaan daawwatamuu ragaan Chaayinaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Argisiisichaan cinaatti Ambaasaaddar Dawwaanoo Kadiir, aanga’ootaa Magaalaa Haanjoo fi dhaabbilee Chaayinaa waliin dhimmoota damee daldalaan hariiroo cimaa uumuu dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.